Deepseek: Dhaabbata AI chaayinaa, Ameerikatti yaaddoo uume

DeepSeek, dhaabbata qorannoo AI kan Chaayinaa, bara 2023 keessa hundaa’e, yeroo dhihoo asitti guddina cimaa agarsiisaa jiruudha. Miseensonni isaa dargaggoota haaraa yookaan kanneen hojii isaanii jalqabaa keessa jiraniidha, kunis dandeettii ol’aanaa qabaachuu isaanii mul’isa.
Mootummaan Yunaayitid Isteetis uggura meeshaalee elektirooniksii gara Chaayinaa erguu irra kaa’uun isaa, guddina AI Chaayinaa danquuf yaalii taasiseera. Haa ta’u malee, DeepSeek uggura kana dura dhaabbachuun, teeknooloojii haaraa fi tooftaa fooyya’aa fayyadamuun, meeshaalee elektirooniksii sadarkaa gadi aanaa qaban fayyadamuudhaan, bu’aa olaanaa galmeessaa jira.
Yann LeCun, ogeessa AI olaanaa Meta, milkaa’ina DeepSeek ilaalchisee, “fooyya’iinsi bu’uura qorannoo fi madda odeeffannoo banaa/open source/ irraa argame, caalmaa madda cufaa irratti qabu agarsiisa” jedheera.
Haaluma walfakkaatuun, dhaabbanni AI kan Ameerikaa, OpenAI, doolaara biiliyoona 500 baasuudhaan, sirna AI guddaa ijaaruuf karoorfatee jira. Haa ta’u malee, gargaarsa kanaan hojiilee namaa bakka buusuun, hojii hedduu balleessuu mala jechuun yaaddoon jiru.
Guddinni AI addunyaa irratti, dorgommii cimaa fi walxaxaa ta’ee argisiisaa jira. Kanaaf, qajeelfamoota idil-addunyaa diriirsuun barbaachisaa ta’ee mul’ata, kunis fayyadama sirna AI sirrii ta’e mirkaneessuuf.